Asoosama
gabaabaa
Baresaa
– Chinua Achebe
Hiikaan
- Odaa Waaqoo
Yunivarsitii
Dabra Birhanirraa
Abbaltii
barnoota - African Literature
Fedhiiwwan
mikaa'eli oobi hanga inni yaadee oli milkaa'eef tureera. Innis Amajjii 1949
dura bu'aa mana barumsa giddu-galeessa Nidumee ta'e muudame. Manni barumsichaa
yeroo hedduuf boodatti hafee waan tureef ergamooti amantaa abbootii aangoo
dargaggoof nama humna haaraa akka manicha hogganuuf itti ergan. Oobi itti
gaafatamummaa kana gammachuun fudhate. Yaadota gaggaari hedduu waan qabuuf
carraan kun yaadota isaa hojjitti hiikuuf isa fayyade ture. Mana barumsaa
sadarka 2ff sirna barsiisota amantaa jala kan ture jalaa baase maqaa
"Barsiisa gaarii" jedhamu iddo hojii isaatti mana barumsichaarra
argatee ture. Namoota gurguddoof baay'ee kan hin baratin ilaacha isaani dhiphaa
sana baay'ee morma ture.
"Itti
fayyadamuu qabna, mitii?" jedhee haadha mana isaa ishee dargaggeettii oduu
gammadaa kan guddachuu isaa yeroo jalqabaaf akka dhaga'ani gaafate.
"Wantaa caale hunda ni goona" jettee
deebisteef. "Lafa qonnaa gaarii sana ni arganna,akkasumas wanti hundi
ammayyaawaaf kan nama hawwatu ta'u..." Turti waggaa lama gaa'ilummaa
isaan, "Tooftaa ammayyaawaan" jaalala qabuuf.. "Ogummaa barnoota
kan yeroon darbeef moofaa keessa kan jiraniif daldaltoota magaalaa Oneeshaa
ta'anii yo ramadaman warraa isaan woyyuufi" Baay'ee jaallattamtuuf ofi
taasiste. Mataa ofii hadha manaa dargaggeettii kan hogganaa mana barumsicha fi
akka mootitti mana barumsa ofi taasisuu jalqabde.
Mana
isheetti haadha mana barsiisota kaawwaani bakka ishee narra hinaafu.Waan
hundaan kan dursite taati... Kana booda akka tasaa haadhotiin manaa kan biroo
hin jiraatan yaada jedhuun caalma isheef jira. Abdiif sodaa gidduu teesse abbaa
mana ofi sodaan laalaa gaafatte.
"Hojjattooni
keenya hundi dargaggoof kan hin fuudhinidha" Isheen jedhee wanta isheen
hin yaadin miira gammachuutin. "Wanti gaariin nuufi ta'e jechuudha. Jedhee
itti fufe.
"Maalif"
"Maalif"
Yeroof humna isaan guutuu mana barumsichaati ni kennu."
Nansiin
cal'isiiste yokaan yellaasiche. Daqiiqa xiqqaaf waa'ee mana haaraa sanaa
shakkite. Garuu shakkiin kun daqiiqota xiqqaa qofaaf ture. Carraan xiqqaan
dhuunfaa ishe kan hojii dhabuu kun gammachuu fulduraa gudda kan abbaa mana
ishee sana itti dukkaneessu hin qabu. Akka abbaan manaa ishee teessumarratti
qaana'ee hafe argite. Hidhi isaa gombifamaaf kan cabu fakkaate ture. Ta'us
darbee darbee akka tasaa sochi humna qaamaa kan inni agarsiisuun namooti ni
dinqisiifatu turan. Kan amma garuu ijaarsi qaama isa immoo ijaa isa kan
boboolla'ee sana waliin awwaalame fakkaata. Ijaa isaatif humna cimaa dhokatee
kenneera. Woggaa digdami jaha isaa ta'us namoota isa arganiif garuu soddoma
yokaan achii oli fakkaata. Akka woli galaattuu yeroo laallamu jibbisiisa hin
turre.
"Waa'ee
maali yaadaa jirta mayiki?" jette Nansiin kitaaba shamarraan kan yeroo
muraasa dura dubbisaa turte fakkeessuun.
"Manni
barumsa akkamitti akka hogganamu namoota sanatti agarsiisuuf gara dhumaatti
carraa akkam guddaa akka arganne yaadaa ture." isheen jedhe. Dhuguma manni
barumsa Nidummeen boodatti hafaa ture. Obboo Oobi jireenya isaa guutuu hojii
oolchee ture. Haadha manas akkasuma. Innis kaayyoo lama qaba ture.
Mana
barumsa sadarkaa gaarii qabu dirqamatti gara bareedinnaati fiduutu isarra ture.
Fedhiin Naansi kan ture iddo qonna roobni yeroon dhufuun lub-qabeessa rooba
harkisu ta'an marganis. Biqiloota babbareedoo didiimaa ifaaf, keelloon kan
tooraan itti dhaabaman mooraa mana barumsa kunuunsa cimaa qabu bosona keessa
baasan.
Galgala
tokko osoo Oobi hojii isaa dinqisiisaa jiruu jaartiin tokko suutaa deemaa toora
biqiltoonni didiimoof kekeellonni itti dhaabaman sana miillaan irra dhaabbachaa
qaxxaamurtu arguun miirri salphinna itti dhaga'ame. Karaa jaartittiin
qaxxaamurte deemee yo laalu badas tajaajila kan hin kennine daandi bosona
xiqqaa tokkorra gara kaan geessitu daandii badde takka arge.
"Ollaan
daandii miillaa kana akka deeman eeyyamuun na dinqa"jedhe Oobi barsiisa
waggaa sadiif mana barumsicha keessa waliin turanin mataa ofi raasaa.
"Daandichi"jedhe
barsiisichi miira dhiifamaatin.
"Isaaniif
baay'ee barbaachisaa fakkaata." Baay'ee yo itti fayyadamuu dhabanis bakka
ollichi itti waaqessaniif iddoo awwaalchaa walqunnamsiisa." jedhe
barsiisichi. Eeganaa kun mana barumsaatin maaltu walitti fida? "jedhee
hoogganicha gaafate. "Hayi isamma ani hin beeku "jedhee maaltu na galche
miira jedhuun barsiisichi gateetti isa sochoose deebiseef. "Garuu yeroo
muraasa dura karicha cufiisaaf yaalle waldhabdeen waldhabdeen guddaan uumamuu
isaa ni yaadadha"jedhe.
"Sun
yeroo muraasa dura amma garuu eennulle itti fayyadamuu hin danda'u" jedhe
Oobi deeme. "Hogganaan biiroo barnoota oso torbee dhuftu mana barumsa
gulaalu dhufe maal yaada?" Ani akka naa galutti, olloonni sirnaan woqti
kana daree barnoota waaqeeffannaa duudha isaanitti itti fayyadamna jedhani
murteessuu dandada'u.
Daandi
mana barumsa deemaniif galanin sana mukichi dhaabbame. Shiboo qoree qabduun
jaarame.
Guyyaa sadiin booda Abbaan amanta ollichaa kan
Anii jedhamu tokko dura bu'aa mana barumsa dubbisa jedhaa dhufan. Innis jaarsa
gugguufee deemuudha. Marii isaan giddutti yeroo wanti haaraan dubbatame mormuuf ulee sanaan lafa
rurukutaa dhufani.
"Dhaga'eera" jedhan ergaa
nagaa gaafata booda Daandiin abbootii keenyaa yeroo gabaaba keessatti cufamuu
dhaga'eera jedhan.
"Eeyyeen" jedhe deebiseef
obbo Oobi.
"Eenyulle mooraa mana barumsa
keenya akka daandi godhu hin eeyyamnu". "Ilaa mucaa koo"
daandiin kun si'is ta'e abbaan ke oso hin dhalatin ture" jedhe abbaan
amantaa naannicha ulee ofin lafa tututumacha. Jireenyi Ollichas kan dhaabbate
isarratti. Firoota keenya kan du'an daandi kanaanidha kan nu gaggeesan.
Akkasumas Akaakayyooni keenyas oso hin hafin
dhufaa kan nu ilaalanuun achiniidha. Hunda caalaa garuu dhalachuuf daa'imaan
daandi faana dhufaniidha.
Obboo
Oobi miira quufaa tokko agarsiisaa dhaggeefate. "Kaayyoon wali gala kan
mana barumsa Amantaa akkanaa dhabamsiisudha" jedhe dhumarra. Namoota
du'aniif daandi miillaa hin barbaachisu. Yaadichi walumagalatti waan hin
taaneedha. Kaayyoon keenya ijoolleen keessan yaada akkanaa Akka itti kolfan
barsiisudha.
"Wanti
ati jettu dhugaa ta'uu danda'a." jedhan lubichi duudha. "Nuyi garuu
Amantaa abbooti keenyaati kan nuyi hordofnu" Daandi yo nuuf bante wanti
walnudhabsiisu hin jiru." Ani yeroo hundumaa kanaan jedhu, "Allaatinis
Cululleenis haa jiraattudha." Lubichi deemuuf ka'e.
"Naan gadda" jedhe
barsiisa dura bu'a dargaggeessi. "Garuu manni barumsa daandi darbiinsa hin
ta'u." Seera keenya wajjiin hin deemu. Daandi bira mana barumsa keenya oso
hin tuqin oso baastani gaarii natti fakkaata. Daandicha baasuuf nuyis ijoollee
keenya isini kennuu dandeenya. "Abboti keessan kan duri daandiin
jijjiiramuun baay'ee isaan rakkisa jedhe hin yaadu."
"Kan jedhu wanta bira hin
qabu" jedhan Lubni ala ta'ani. Guyyoota lama booda ollicha keessa
dubartiin dargaggeettin tokko sababa de'aatin
duute. Yeruma sana beekaa tokko gaafannaan jaaramuu dallaatin Abbooti durii
arrabsuun aarsaa guddaa akka barbaachisu dubbatan.
Ganama
yeroo Oobi hiriiba ka'u wanti inni hojjate hundi diigameeruun arge. Toorri
biqiltooti irra dhaabamanis badeera. Kunis karaa walfalmaa turanin sana qofa
oso hin taane hunda dallicha ture. Biqiltootas miillan irra dhadhabatani
balleesaniiru. Gamoo mana barumsa keessa tokko diigameera... Guyyaa san to'atan
mana barumsa nama Adi kan ta'e tokko mana barumsa guulaalisa dhufe waa'ee mana
barumsa diigamurratti yaadannoo hamaa qaama oli aanoof aanoof barreesse.
Keesumattuu, akka dura bu'aan mana barumsa haaraan dogoggoreetti,mana
barumsaatif Olloota giddutti waraanni sanyumma akka jiru fakkeesseti kan inni
barreesse.
YAADAAF:
odawako3@gmail.com, Facebook Oda Wako.
https://mezemirethiopia.blogspot.com/2015/08/blog-post_18.html
ምላሽ ይስጡሰርዝ