2019 ኦክቶበር 18, ዓርብ

KARAA DU'AALEYYII


Asoosama gabaabaa

Baresaa – Chinua Achebe

Hiikaan - Odaa Waaqoo

Yunivarsitii Dabra Birhanirraa

Abbaltii barnoota - African Literature

Fedhiiwwan mikaa'eli oobi hanga inni yaadee oli milkaa'eef tureera. Innis Amajjii 1949 dura bu'aa mana barumsa giddu-galeessa Nidumee ta'e muudame. Manni barumsichaa yeroo hedduuf boodatti hafee waan tureef ergamooti amantaa abbootii aangoo dargaggoof nama humna haaraa akka manicha hogganuuf itti ergan. Oobi itti gaafatamummaa kana gammachuun fudhate. Yaadota gaggaari hedduu waan qabuuf carraan kun yaadota isaa hojjitti hiikuuf isa fayyade ture. Mana barumsaa sadarka 2ff sirna barsiisota amantaa jala kan ture jalaa baase maqaa "Barsiisa gaarii" jedhamu iddo hojii isaatti mana barumsichaarra argatee ture. Namoota gurguddoof baay'ee kan hin baratin ilaacha isaani dhiphaa sana baay'ee morma ture.
"Itti fayyadamuu qabna, mitii?" jedhee haadha mana isaa ishee dargaggeettii oduu gammadaa kan guddachuu isaa yeroo jalqabaaf akka dhaga'ani gaafate.
 "Wantaa caale hunda ni goona" jettee deebisteef. "Lafa qonnaa gaarii sana ni arganna,akkasumas wanti hundi ammayyaawaaf kan nama hawwatu ta'u..." Turti waggaa lama gaa'ilummaa isaan, "Tooftaa ammayyaawaan" jaalala qabuuf.. "Ogummaa barnoota kan yeroon darbeef moofaa keessa kan jiraniif daldaltoota magaalaa Oneeshaa ta'anii yo ramadaman warraa isaan woyyuufi" Baay'ee jaallattamtuuf ofi taasiste. Mataa ofii hadha manaa dargaggeettii kan hogganaa mana barumsicha fi akka mootitti mana barumsa ofi taasisuu jalqabde.
Mana isheetti haadha mana barsiisota kaawwaani bakka ishee narra hinaafu.Waan hundaan kan dursite taati... Kana booda akka tasaa haadhotiin manaa kan biroo hin jiraatan yaada jedhuun caalma isheef jira. Abdiif sodaa gidduu teesse abbaa mana ofi sodaan laalaa gaafatte.
"Hojjattooni keenya hundi dargaggoof kan hin fuudhinidha" Isheen jedhee wanta isheen hin yaadin miira gammachuutin. "Wanti gaariin nuufi ta'e jechuudha. Jedhee itti fufe.
"Maalif"
"Maalif" Yeroof humna isaan guutuu mana barumsichaati ni kennu."
Nansiin cal'isiiste yokaan yellaasiche. Daqiiqa xiqqaaf waa'ee mana haaraa sanaa shakkite. Garuu shakkiin kun daqiiqota xiqqaa qofaaf ture. Carraan xiqqaan dhuunfaa ishe kan hojii dhabuu kun gammachuu fulduraa gudda kan abbaa mana ishee sana itti dukkaneessu hin qabu. Akka abbaan manaa ishee teessumarratti qaana'ee hafe argite. Hidhi isaa gombifamaaf kan cabu fakkaate ture. Ta'us darbee darbee akka tasaa sochi humna qaamaa kan inni agarsiisuun namooti ni dinqisiifatu turan. Kan amma garuu ijaarsi qaama isa immoo ijaa isa kan boboolla'ee sana waliin awwaalame fakkaata. Ijaa isaatif humna cimaa dhokatee kenneera. Woggaa digdami jaha isaa ta'us namoota isa arganiif garuu soddoma yokaan achii oli fakkaata. Akka woli galaattuu yeroo laallamu jibbisiisa hin turre.
"Waa'ee maali yaadaa jirta mayiki?" jette Nansiin kitaaba shamarraan kan yeroo muraasa dura dubbisaa turte fakkeessuun.
"Manni barumsa akkamitti akka hogganamu namoota sanatti agarsiisuuf gara dhumaatti carraa akkam guddaa akka arganne yaadaa ture." isheen jedhe. Dhuguma manni barumsa Nidummeen boodatti hafaa ture. Obboo Oobi jireenya isaa guutuu hojii oolchee ture. Haadha manas akkasuma. Innis kaayyoo lama qaba ture.
Mana barumsa sadarkaa gaarii qabu dirqamatti gara bareedinnaati fiduutu isarra ture. Fedhiin Naansi kan ture iddo qonna roobni yeroon dhufuun lub-qabeessa rooba harkisu ta'an marganis. Biqiloota babbareedoo didiimaa ifaaf, keelloon kan tooraan itti dhaabaman mooraa mana barumsa kunuunsa cimaa qabu bosona keessa baasan.
Galgala tokko osoo Oobi hojii isaa dinqisiisaa jiruu jaartiin tokko suutaa deemaa toora biqiltoonni didiimoof kekeellonni itti dhaabaman sana miillaan irra dhaabbachaa qaxxaamurtu arguun miirri salphinna itti dhaga'ame. Karaa jaartittiin qaxxaamurte deemee yo laalu badas tajaajila kan hin kennine daandi bosona xiqqaa tokkorra gara kaan geessitu daandii badde takka arge.
"Ollaan daandii miillaa kana akka deeman eeyyamuun na dinqa"jedhe Oobi barsiisa waggaa sadiif mana barumsicha keessa waliin turanin mataa ofi raasaa.
"Daandichi"jedhe barsiisichi miira dhiifamaatin.
"Isaaniif baay'ee barbaachisaa fakkaata." Baay'ee yo itti fayyadamuu dhabanis bakka ollichi itti waaqessaniif iddoo awwaalchaa walqunnamsiisa." jedhe barsiisichi. Eeganaa kun mana barumsaatin maaltu walitti fida? "jedhee hoogganicha gaafate. "Hayi isamma ani hin beeku "jedhee maaltu na galche miira jedhuun barsiisichi gateetti isa sochoose deebiseef. "Garuu yeroo muraasa dura karicha cufiisaaf yaalle waldhabdeen waldhabdeen guddaan uumamuu isaa ni yaadadha"jedhe.
"Sun yeroo muraasa dura amma garuu eennulle itti fayyadamuu hin danda'u" jedhe Oobi deeme. "Hogganaan biiroo barnoota oso torbee dhuftu mana barumsa gulaalu dhufe maal yaada?" Ani akka naa galutti, olloonni sirnaan woqti kana daree barnoota waaqeeffannaa duudha isaanitti itti fayyadamna jedhani murteessuu dandada'u.
Daandi mana barumsa deemaniif galanin sana mukichi dhaabbame. Shiboo qoree qabduun jaarame.
 Guyyaa sadiin booda Abbaan amanta ollichaa kan Anii jedhamu tokko dura bu'aa mana barumsa dubbisa jedhaa dhufan. Innis jaarsa gugguufee deemuudha. Marii isaan giddutti yeroo wanti haaraan dubbatame mormuuf ulee sanaan lafa rurukutaa dhufani.
"Dhaga'eera" jedhan ergaa nagaa gaafata booda Daandiin abbootii keenyaa yeroo gabaaba keessatti cufamuu dhaga'eera jedhan.
"Eeyyeen" jedhe deebiseef obbo Oobi.
"Eenyulle mooraa mana barumsa keenya akka daandi godhu hin eeyyamnu". "Ilaa mucaa koo" daandiin kun si'is ta'e abbaan ke oso hin dhalatin ture" jedhe abbaan amantaa naannicha ulee ofin lafa tututumacha. Jireenyi Ollichas kan dhaabbate isarratti. Firoota keenya kan du'an daandi kanaanidha kan nu gaggeesan. Akkasumas Akaakayyooni keenyas oso hin hafin dhufaa kan nu ilaalanuun achiniidha. Hunda caalaa garuu dhalachuuf daa'imaan daandi faana dhufaniidha.
Obboo Oobi miira quufaa tokko agarsiisaa dhaggeefate. "Kaayyoon wali gala kan mana barumsa Amantaa akkanaa dhabamsiisudha" jedhe dhumarra. Namoota du'aniif daandi miillaa hin barbaachisu. Yaadichi walumagalatti waan hin taaneedha. Kaayyoon keenya ijoolleen keessan yaada akkanaa Akka itti kolfan barsiisudha.
"Wanti ati jettu dhugaa ta'uu danda'a." jedhan lubichi duudha. "Nuyi garuu Amantaa abbooti keenyaati kan nuyi hordofnu" Daandi yo nuuf bante wanti walnudhabsiisu hin jiru." Ani yeroo hundumaa kanaan jedhu, "Allaatinis Cululleenis haa jiraattudha." Lubichi deemuuf ka'e.
"Naan gadda" jedhe barsiisa dura bu'a dargaggeessi. "Garuu manni barumsa daandi darbiinsa hin ta'u." Seera keenya wajjiin hin deemu. Daandi bira mana barumsa keenya oso hin tuqin oso baastani gaarii natti fakkaata. Daandicha baasuuf nuyis ijoollee keenya isini kennuu dandeenya. "Abboti keessan kan duri daandiin jijjiiramuun baay'ee isaan rakkisa jedhe hin yaadu."
"Kan jedhu wanta bira hin qabu" jedhan Lubni ala ta'ani. Guyyoota lama booda ollicha keessa dubartiin dargaggeettin tokko sababa de'aatin duute. Yeruma sana beekaa tokko gaafannaan jaaramuu dallaatin Abbooti durii arrabsuun aarsaa guddaa akka barbaachisu dubbatan.
Ganama yeroo Oobi hiriiba ka'u wanti inni hojjate hundi diigameeruun arge. Toorri biqiltooti irra dhaabamanis badeera. Kunis karaa walfalmaa turanin sana qofa oso hin taane hunda dallicha ture. Biqiltootas miillan irra dhadhabatani balleesaniiru. Gamoo mana barumsa keessa tokko diigameera... Guyyaa san to'atan mana barumsa nama Adi kan ta'e tokko mana barumsa guulaalisa dhufe waa'ee mana barumsa diigamurratti yaadannoo hamaa qaama oli aanoof aanoof barreesse. Keesumattuu, akka dura bu'aan mana barumsa haaraan dogoggoreetti,mana barumsaatif Olloota giddutti waraanni sanyumma akka jiru fakkeesseti kan inni barreesse.
YAADAAF: odawako3@gmail.com, Facebook Oda Wako.





በመንግሥት ወደ ወለጋ ከተወሰዱ በኋላ ዛሬ በግላቸው ደብረብርሃን የገቡት አዛውንት የዓይን ምስክርነት

  በመንግሥት ወደ ወለጋ ከተወሰዱ በኋላ ዛሬ በግላቸው ደብረብርሃን የገቡት አዛውንት የዓይን ምስክርነት ረቡዕ፣ የካቲት 20፣ 2016 ዓ.ም. መዘምር ግርማ ደብረብርሃን   ዛሬ ረፋድ አዲስ አበባ ላምበረ...